Tuesday, October 18, 2016

Geerarsaa
Geeshoollee fi maali yaa geeshoo 
Geeshoon faarsoo ta'a abba naquu beekutoo
Garbun buquurri ta'a abba naquu beekutoo 
Qamadiin daaboo ta'a qincii rakkissee malee 
Oromon bilissaa ba'a Opdo rakkissee malee
Wantin ani jibee hafee
Qamadii qincii qabu
Musurroo gayyaa xuxxuu
Gayyaa sagalee hin qabnee
haassa dabaree hin qabnee
Qinciin qamadii keessa
mataa nama naneessa
Opdon lammi keessa
Firra Oromo tti ofi fakkeessa
Diina nuu keessa
Gingilchaan quleessa ?
Yoo gundoon sooran malee
Nuu fakkaata nuu keessa dhookatee
Gingilchaan hin baassu yoo Sooran malee
kanaafuu
Yaa Oromo afaan damma ifaan sooran dukkaana daakuu

No comments:

Post a Comment